ONMABO Adooolessa 10, 2024
Murni impaayera Itoophiyaa rakkoo siyaasaa fi dinagdee isa mudatee jiru dhokfachuuf halkaniif guyyaa tattaafachaa jiru bilxiginnaan, hidhaa akka tooftaatti qabatee, erga hidhee boodas maallaqa humnaa olii namoota gaafachuun, uummatni waan hin qabne akka kaffalan ta’aa jira.
Haaluma kanaan Adoolessa 8, 2024 waraanni saamichaaf qindaa’ee jiru, ergamtootni Abiy Ahimed Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa jedhamutti bobba’uun namoota baay’inni isaanii 170 ol ta’an qabanii, isin maatii WBO’ti jechuun qarshii kuma tokko tokko yoo kaffaltan malee hin baatan jechuun, kanneen hin qabneef yaadicha morman ammoo mana kutaa dhiphoo tokko keessatti hidhuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota hidhamanii maallaqa isaanii kaffalanii ba’an tokko tokko dubbise jedhanitti “haala baay’ee qaanessaa ta’eedha waan nu hin ilaallanneen nu saamaa jiru jechuun, abbaan Booka dhugeef ilma afaanni hin urgaa’u akkuma jedhamu, akkamitti nuti nama biyya isaaf falmuu ba’e sadarkaa maatiitti dhorkuu dandeenya ykn sababa isaa gaafatamna” jechuun mufii isaanii ibsan.
Kanneen qabamanii jiran keessaa muraasni maqaa isaanii arganne; Hambaa Dhaabaa, Hiikaa Mahaammad, Ali Mahaammad, Sheek Jibiriil Adam, Mahaammad Adam, Sheek Hiisaa Gamteessaa fi Yaasin Gosaa kanneen jedhaman mana hidhichaatti qarshii kaffaluu waan hin dandeenyeef dararaa argaa jiru.

