ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Yoo xiqqaate ijoolleen mana barumsaa 12 fi konkolaachisaan otoobisii Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Auteeng keessatti osoo mana barumsaa deemaa jiranii balaa daandii mudateen du’uu qondaaltonni biyya keessaa Roobii kaleessaa himaniiru. Daa’imman biroo torba yaala argachuuf gara hospitaalaatti ergamaniiru.
Ijoolleen kunneen manneen barnootaa lama Kaarletoonviil, kan Johaannesbarg irraa gara Dhihaatti naannoo kiiloo meetira 78 fagaattee argamtu irraa kan dhufan ta’uu Ministirri Barnootaa Auteeng Matoomee Chiloyaanee ibsa kennaniin himaniiru.
Kutaan barnootaa Awuteeng akka jedhetti konkolaataan daa’imman kana fe’ee ture konkolaataa pickup salphaan duubaan rukutamee konkolaataan sun akka garagalu taasiseera, achitti ibiddi itti qabateera jedhame.
Manneen barnootaa isaan baratan akkaataa idileetti daa’imman umuriin isaanii waggaa 6 hanga 13 gidduu jiran galmeessisus, umriin daa’imman dhimmicha irratti hirmaatan ammallee hin beekamne.
Afrikaan Kibbaa bu’uuraalee daandiin haala gaariin kan uddatte ta’us, nageenya daandii irrattis addunyaa irratti kanneen hamaa ta’an keessaa tokkodha.
Waldaan Konkolaataa Afrikaa Kibbaa (AA)’n kanaan dura istaatiksii du’a daandii irratti waggaa waggaan biyyattii keessatti gaggeeffamu ”rakkoo biyyaalessaa” jechuun waama ture.
Lakkoofsa AA bara darbe baaseen, Amajjii 2022 hanga Muddee 2022’tti kan ilaallatu yoo ta’u, yeroo sanatti namoonni 12,436 daandii biyyattii irratti du’aniiru.
Sunis namoota 12,541 bara 2021 yeroo walfakkaataatti du’an irraa xiqqoo qofa gadi bu’eera.
Ji’a Bitootessaa keessa otoobisii waaqeffattoota gara sagantaa dhuma torbee Faasikaa geejjibsiisu riqicha irraa kufeen namoonni 45 du’anii turan jechuun Dooch Waleen gabaaseera.



