ONM-ABO Adoolessa 11, 2024
Mariin dhukaasa dhaabuu irratti taasifamaa ture deebi’ee eegaluun hojiin waraanaa Israa’el magaalaa Gaazaa keessatti itti fufee jira.
Waraanni Israa’el jiraattonni magaalaa Gaazaa hundi gara kibbaatti gara giddu galeessa Gaazaatti akka baqatan itti himeera, kaaba keessatti hojiin cimee itti fufee jira.
Mootummootni Gamtooman ajajni baqachuu laatamaa jiru baay’ee akka isa yaaddessu ibseera.
Erga waraanni kun jalqabee Magaalaan Gaazaa akka waliigalaatti akka baqattu gaafatamuun ishee yeroo lammataaf ture.
Torban lamaan darban keessa humnoonni Israa’el kutaalee magaalaa Gaazaa hedduu kan waraanni Hamaas fi Jihaad Islaamummaa Falasxiin jalqaba waggaa irraa eegalee irra deebi’anii walitti qabaman jedhee amanu irra deebi’anii seenaniiru.
Hamaas akka jedhetti sochiin Israa’el haaromfame kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi namoota booji’amtoota gadhiisuu danda’u irratti marii karaa irraa maqsuuf sodaachisaa ta’uu ibseera.
Gaazaa keessaa hin bahu; Dogoggora gowwummaa warri kaan hojjetan hin hojjedhu; duuti hiree koo fi hiree ijoollee koo yoo ta’e, mana keenya keessatti kabajaa fi ulfinaan duuna”, Misaa’eloonni Israa’el kaabaa fi kibbaa adda hin baasan,” jechuun jiraataan Gaazaa ganna 47 Ibraahim al-Barbarii BBC’tti himeera.



