• Sun. Jun 7th, 2026

Dargaggoonni Oromoo godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti ukkaamfamuun jabaate

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Gareen faashistii PP  dargaggoota Oromoo ijaan argaa isaanii jibbuun aangoo keenyaaf gufuudha sababa jedhu qofaaf ajjeechaa jumlaa irratti raawwatuun alatti hidhaanis qorqalbii isaanii tuquun dararuu irratti argamu.

Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti Waraanni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo umuriin isaanii sadarkaa giddu galeessa irra jiru hundumaa ba’uu fi galuu dhorkuun gaaffii seeraa tokko malee bakkeewwan arganitti qabanii hidhuu kan jabeessan yoo ta’u, haala kanaanis bulchiinsa magaalaa Naqamteetti namoonni guyyaa guyyaan jumlaan hidhamaa jiru.

Akka hawaasni bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa ONM’f yaada isaanii qoodan himanitti, dargaggootni hojii doqdoqqee oofuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan, sababa sochii baadiyyaatti godhan qofaaf waraana faashistii PP’n adamfamanii qabeenya isaanii waliin hidhamaa kan jiran danuu oggaa ta’an, Adoolessa 10, 2024 jiraataa ganda Eebbaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Kamisoo Eebbisaa jedhamu jimaa gurgurachuuf osoo gara magaalaa Naqamteetti geessaa jiruu qabamee hidhamee jira.

Dargaggoo Kamisoon bakka  addaa Dingatoo jedhamutti namoota maqaan isaanii nu hin geenye waliin qabamuun yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa ganda 07’tti  hidhamee akka jirus dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Akkasumas dargaggoonni hedduu ta’an aanotaa fi gandoota godinichaa keessaa qabamuun hidhaman yeroo ammaa haala yaaddeessaa keessa akka jiran illee dabaluun jiraattonni kunneen ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading