• Tue. Nov 24th, 2026

Gidiraan daangaa darbe godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa keessatti ergamtoota PP’n jabaatee itti fufe

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Impaayerattii keessatti bara itti seerri dhibuun mirga ofii gaafachuun haa hafuutii lubbuun jiraachuun gaaffii keessa galee fi caasaan PP sadarkaa kamiyyuu irra jiru lammiilee impaayerattii akka fedhanitti saamuu fi hidhuun dararaa irraan ga’an keessa jirra.

Godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa ganda Jaawwii Chilaaloo irraa humni badii Bilxiginnaa nammota nagaa 5 badii tokko malee akkasumaan qabuun mana hidhaa magaalaa Itayyaatti geessanii hidhuun hanga ammaatti hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himan.

Namoonni ajaja seeraan ala ergamtoota impaayerattii kanaan qabaman kunneen gaaffii seeraa fi murtii tokko malee guyyoota 15 oliif mana hidhaa aanichaa kan magaalaa Itayyaatti argamutti gidirfamaa jiru.

Maqaan namoota kanneeniis :- Kadir Edoo, Hajii Ismiloo, Gannaa Kadiroo fi namoota biroo lama kan mana Gannaa Kadiroo turan hidhamanii jiraachuu maddeen keenya gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply