• Sun. Jun 7th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doollootti ergamtootni bilxiginnaa mana jiraattotaa diigan

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Magaalota Oromiyaa adda addaatti caasaan bilxiginnaa maqaa daandii magaalaa babal’isuu “Smart city” jedhamuun manneen uummataa saamuu fi gubuun qabeenya hawaasaa barbadeessanii dinadgee ilmaan Oromoo quucarsuun namoota hedduu jireenya itti hadheessanii kan jiran ta’uu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Haaluma wal fakkaatuun, magaalaa Dambii Doolloottis misooma daandii magaalaa maqaa “Smart City” jedhamu itti moggaasuun mana jiraattotaa diigaa fi qabeenya uummataa  qarshii miliyoona hedduutti  tilmaamaman mancaasaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Ergamtootni kun magaalicha gandoota hunda keessaa beenyaa tokko osoo hin kaffaliniif mana uummataa diiguun rakkoo hamaaf saaxilaa kan jiran yommuu ta’u, namoonni baay’een ganna kanaan bakka itti dhimmuu roobaa mataa jala qabatan illee dhabuun miidhaa hamaan irra gahaa jiraachuun ibsameera.

Karoora mataan nafxenyaa misooma magaalaa jechuun qoodeef godinaalee fi aanaalee fudhachuun abbootii qabeenyaa waan qabaniin gamoo abbaa darbii muraasaa hojjetatanii fi hiyyeessa waa hin qabne jalaa mana tokkittii isaan keessa bulan diiguun abbaa qabeenyaa yeroo miidhan hawaasa harka qalleessicha ammoo namummaa keessaa baasaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading