ONM-ABO Adoolessa 12, 2024
Murni ajjeesuun faashinii itti fakkaatee guyyaarraa gara guyyaatti ajjeesaa oolu bilxiginnaan, yoo hiineef, ajjeesne uummanni sodaatee nu duukkaa hiriira jedhanii yaaduun hawaasa hidhannoo hin qabnetti roorrisaa jiru.
Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankii keessatti, waraanni goolessaan bilxiginnaa bakka dhaqan hundatti nagaa hawwaasaa booressaa oolan ganama kaleessaa Adoolessa 11, 2024 uummata nagaatti bobba’uun nama maqaan isaa Guutaa Takilee jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.
Waraanni seeraa fi naamusa hin qabne uummatatti bobbaafaman kun namni tokko yoo balleesse gaaffii seeraa gaafachuun adabbii seeraa keennuufii irra gaaffii tokko malee ajjeechaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, humnootni badii kun hawaasa badii tokko hin qabne irratti tarkaanfii fudhachaa jiru.
Akka kanaanis dargaggoo Guutaa jedhamu nama tuttuqaa Siyaasaa kamirraa walaba ta’ee fi dalagaa Jimaa daldaluun jiraatu Oromummaa isaan yakkanii akka ajjeesantu himama.
Aanaa Lataa Sibuu fi aanaalee ollaa sana mara keessatti ajjeechaa, saamichaa fi hidhaan daangaa hin qabne raawwatamaa turuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, gochi kun ammallee itti fufee jiraachuun sarbamiinsi mirga namoomaa daangaa darbe raawwatamaa jira.

