• Thu. Nov 26th, 2026

Magaalaa Buraayyuu keessatti ergamtootni bilxiginnaa imaltoota afur konkolaataa irraa buusuun ukkaamsanii achi  buutee dhabamsiisan

Jul 13, 2024

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa, mana irratti gubaa, kaan immoo yakka tokko malee hidhaatti guuree achi buutee dhabamsiisuun dararaa hamaa irraan ga’aa jira.

Magaalaa Buraayyuu keessatti ergamtoonni sirnichaa Sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiran yommuu ta’u, Adoolessa 9, 2024 namoota afur konkolaataa irraa buusuun as buutee isaanii dhabamsiisuun eeramee jira.

Akka namni itti dhiyeenyaan beeku tokko jedhutti, “Konkolaataa godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu irraa ka’uun gara magaalaa Finfinneetti imalaa jiru dhaabsisuun magaalaa Buraayyuu bakka addaa Gafarsaa jedhamutti namoota afur dhiira tokkoo fi shamarran sadii konkolaataa irraa gadi buusuun bilbila isaanii irraa fuudhanii erga sakatta’anii booda, ‘suura hin barbaachisne baattu’ jechuun kan qaban yoo ta’u, isaan keessaa tokko  shamarree maqaan ishee  Dirribee Daanyee jedhamtuu dha. Isaan kaan immoo maqaan isaanii adda hin baane” jechuun dubbata.

Magaalichatti ilmaan Oromoo hedduun sababa tokko malee ukkaamfamuun dararaa ulfaataa ta’e argaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply