ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024
Murni waan qabee gadhiisu wallaaluun faloo siyaasaa kaa’urra gochoota daran rifaasisoo fi suukkanneessoo ta’aniin miidhaa geggeessaa jiru bilxiginnaan maqaa sakattaa WBO’n waraana bobbaasee lammiilee nagaa ajjeesuu, mana irratti gubuu fi dirqiin waraanatti guuruu cimsee itti fufeera
Sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti jabaachuu gabaasaa akkuma turre, Adoolessa 10, 2024 ganda Dooyyoo Lamaanii fi Kashiitti waraanni goolessaan bilxiginnaa jiraattota baay’inni isaanii 43 ol ta’an leenjii milishummaaf konkolaataan fe’anii magaalaa Maqiitti geessuun beekameera.
Dabalataanis bulchiinsa magaalaa Maqiitti dargaggoonni dhaabbii qaamaa sirrii qaban sababa ispoortii hojjetaniif yakkamanii waraana faashistii PP’n reebamaa jiru. Adoolessa 11, 2024 dargaggoo maqaan isaa Tolaa Hamdaa jedhamu milishoota sirnichaan reebichi jabaan irratti raawwachuu ONM’tti himaniiru.
Bara Oromummaan yakka ta’ee jiru kanatti, bilxiginnaan mirga namoomaa ilmaan Oromoo irraa Mulqee akka bineensotaatti gorra’uu, gaaffii seeraaf barbaadamta jechuun butee dhabamsiisuu, kutaa fi lagaan qoodee hiraarsuu jabeessuun egeree jireenya namootaatti yaaddoo akka ta’ee jirus himameera.


