ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024
Balleessaa yoo qabaateef abbaa dhimmaa barbaadanii kallattii danda’aniin to’achuun seeraan gaafachuun osoo irra jiruu sirni gad deebiin siyaasa of baraaruu dalagan bixiginnaan, yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti qaama dirree irraa akkuma isaatti hidhatee isa lolu dheessuun maatii qabsaa’otaa hidhuu, qabeenya jalaa mancaasuu, achi buutee dhabamsiisuu fi ajjeechaa jumlaa irratti raawwachuu irratti argama.
Adoolessa 10, 2024 aanaa Jalduu ganda Kilbee keessaa daa’ima umuriin isaa 7 ta’e kan maqaan isaa Qabsoo Dabalaa jedhamu sababa abbaan isaa qabsaa’aa sabaa ta’e qofaaf manatti itti dhaquun haadha harkaa iyyisiisanii fuudhanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan.
Haati daa’ima kanaas buufata waraanaa isaanii dhaqxee gaafattus hin argine jechuun, amma daftee asii hin deemtu taanaan siyyuu itti si daballa jedhanii achii ari’uus ibsan.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti daa’ima kana hanga gabaasni kun qindaa’etti ajjeesaniif dhiisanii isaanii hin beeknu jechuun yoo dubbatan, naannichatti namoonni nagaan maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduutiin hidhamanii baatii tokkoo fi isaa ol hidhamanii murtii seeraa malee gidirfamaa akka jiran dabaluun dubbataniiru.

