• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti lukkeeleen bilxiginnaa hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha raawwatan

Jul 15, 2024

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Harka qalleeyyiin sababoota adda addaan hiyyummaa keessatti kufan waan ittiin of jiraachisuu danda’an gabaatti dhiyeeffachuun hanguma argataniin jireenya isaanii kan geggeeffatan ta’uun ni beekama.

Jireenyi uummataa akka kana ta’ee osoo jiruu, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtootni bilxiginnaa hawaasa harka qalleyyii irratti saamicha raawwachuun eerameera.

Namoota qoraan dugdatti baatanii gabaaf dhiyeessuun jireenya harkaa gara afaanii qofa jiraatan irratti qoraan ba’aa tokko irratti qaraxa qarshii 50  dirqisiisanii irraa guuraa jiraachuu maddeen keenya himan.

Kana malees, aanaa sana keessaa qotee bultoota oomisha kuduraa fi muduraa muraasa ooyiruu isaanii irra qotanii  gabaa geessan hanga raafuutti dirqisiisanii qarshii irraa guuraa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gara jabummaa daangaa darbeedha kan jedhan jiraattonni aanichaa silaa nama qoraan dugdatti baatee dafqa isaa lolaasee qarshii xinnootti gurguratee maatii ittiin guddifatu kana gargaaruutu irra jira malee irraa saamuun kun hammeenyummaa daangaa darbeedha jechuun komee isaanii ibsataniiru.

Leave a Reply