ONM-ABO Adoolessa 15, 2024
Leellistoonni impaayera Itoophiyaa qotee bultoota Oromoo irratti dararaa hamaa guyyaa guyyaan raawwachaa ooluun, gama tokkoon lafti maatii qabsaa’otaa akka hin qotamne dhorkaa, gama kaaniin ammoo uummata dirqamsiisuun doorsisanii lafa isaanii qochisiifachaa kan jiran ta’uun baramee jira.
Aanaa Amboo ganda Illaamuu Jal’inaa, Wiirtuu Meexxii fi kanneen biroo keessatti lukkeelee bilxiginnaa kan ta’an milishonnii fi bulchitoonni gandaa “dirqamaan lafa keenya nuuf qottu” jechuun dirqamsiisanii itti roorrisuun uummata qochisiifachaa jiraachuu fi onichatti hiraarsaa ulfaataan jiraattota irratti raawwatamuun kan duraa caalaa kan cimee itti fufe ta’uu dubbatu.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti namni lafa isaanii kana hin qonne akkasumas waan biraa dubbate deggaraa WBO’ti jedhamuun qabeenyi isaa akka harkaa manca’uu fi tarkaanfiin ajjeechaa akka irratti fudhatamu jechuun hawaasa doorsiisanii hojjechiifachaa jiraachuus dabaluun ONM’tti himaniiru.



