• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn godina Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdootti diina du’aa fi madoon adabe

Jul 15, 2024

ONM-ABO Adoolessa 15, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabuu itti fufeera.

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Yuubdoo Bulchiinsa Magaalaa Ciisaa Borrii keessatti tarkaanfii laalessaa kaleessa toora sa’a 9:00 irratti waraana faashistii PP irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis humna waraanaa Abiy Ahimed irraa 20 ajjeesee 5 madeessuun hidhannoo 5, qophii 20, boombii fi uffata waraana hedduu irraa hiikkataniiru.
Tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatameenis humna diinaa mooraa magaalichaa keessaa ari’ee baasee ture.

Waraanni maafiyaa PP kun guyyaa har’aa gara magaalichaatti deebi’uun reeffa kaafachaa turuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply