ONM-ABO Adoolessa 16, 2024
Murni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee: ajjeesuu, hidhuu, saamuu, mana irratti gubuu, ari’ee qe’ee fi qabeenyaa irraa godaansisuun dararaa ulfaataa ta’e hawaasa nagaa irratti qaqqabsiisaa jira.
Haaluma kanaan, Godina Baha Shaggar aanaa Booraatti waraanni faashistii Abiy Ahimed manneen hawaasaa gubanii jiru
Ganda Tuqaa Langaanoo jedhamu keessaa waraanni garboomfataa PP guyyaa kaleessaa Adoolessa 15, 2024 ganama keessaa sa’atii 2:00 irratti namoota maqaan isaanii:
- Obbo Beenyaa Gadaa,
- Obbo Caalaa Daadhii ,
- Obbo Argachuu Badhaasoo,
- Obbo Jimaa Birraa fi
- Obbo Diitaa Bulbulaa jedhaman jalaa badii tokko malee mana jireenyaa, meeshaalee fi qabeenya isaan manicha keessaa qaban hunda waliin abidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessuun maatii bakkeetti bittinneessuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni jedhanitti namoota nagaa siyaasa isaan hin beekneen walqabsiisanii ilmaan qotee bulaa irratti gocha fokkisaa raawwachuu isaaniitti jiraattotni gandichaa akka gaddan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


