ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Imphaayera Itoophiyaatti uummanni Oromoo haala baay’ee rakkisaa ta’een, akkasumas seenaa, aadaa fi haala hawaassummaa isaa ugguramee hedduu haala walxaxaa keessatti moggaatti dhiibamee jira
Keessattuu maatiin ilmaan isaanii miseensota waraana Bilisummaa Oromoo ta’an, ilaalcha murna abbaa irree bilxiginnaan yakkamoo ta’anii, ilmaan keessan galchaa jechuun waraanni faashistii PP manneen irratti gubaa, namoota nagaa keessaa ajjeesaa, saamaa fi hidhaan hiraarsuu jabeesseera.
Ji’oota lamaan darban irraa eegalee maatiin qabsaa’ota miseensa WBO akka guutuu Oromiyaatti dararamaa akka jiran gabaasaa akkuma turre, Adoolessa 15, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo gandoota akka: Mi’eessaa Koomboo, Albaasaa, Haleeluu fi Daakkoo keessaa namoonni 16 qabamuun bulchiinsa magaalaa Moxeetti hidhamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Maatiin qabsaa’otaa manneen hidhaatti guuramaa jiran kunneen maallaqa guddaa kaffalanii akka ba’aniif bakkeewwan adda addaatti dirqisifamaa jiraachuus ONM odeeffateera.


