ONM-ABO Adoolessa 17, 2024
Gareen finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan meeshaa hidhachiifamanii buufata isaanii Oromiyaa keesssa godhatan badii lubbuu dabalatee kisaaraa hamaa kana jedhamee hin tilmaamamne uummata Oromoo irraan geessisaa kan turanii fi itti jiraniidha.
Duula jabaa Oromiyaa keessatti taasisaa kan jiran hidhattoonni kunneen naannoo Amaaraa malee dhalattoota isaanii sabaan Amaaraa ta’anii Oromiyaa keessa jiran karaa harka lafa jalaan wal ijaaruun, hanga aanaa Noonnootti mana cidhaatti boombii darbachuu dabalatee jumlaan namoota fixuu itti fufanii jiru.
Guyyaa dheengaddaa halkan Adoolessa 15, 2024 akka sa’a imphaayerattiitti halkan toora sa’a 3:00’tti aanaa Ammayyaa ganda Jabbilaala Daallee jedhamutti hawaasa nagaa irratti dhukaasa bananiin namoota lakkoofsi isaanii daa’imman dabalatee 11 ol ta’an ajjeefamuu jiraataan gandichaa ONM’tti hime.
Namoonni ajjeefaman kunneen ammaaf maqaa kan arganne; Gaaddisaa Dirribaa, Bareechaa Jaahatamaa, Caalchisaa Addunyaa, Addisuu Dajanee fi Darribuu Bareechaa abbaa fi haadha isaa akkasumas, ijoollee isaa dabalatee bakka tokkotti manatti itti ol seenuun jumlaan ajjeesanii deemuu jiraattonni himan.
Akka jiraataan kun jedhetti osoo raayyaan ittisa imphaayerattii naannoo sana jiruu ajjeechaa kana akka raawwatan himuun, boodarra hawaasa reeffa kaasuuf walii birmateyyuu uleen reebanii addaan facaasanii jirus jedhe.
Yeroo ammaas uummata gandichaatti gaddi guddaan kan dhagaa’amee jiru yoo ta’u, maqaa namoota hafaniis akkuma arganneen kan isin biraan geenyu ta’a.



