ONM-ABO Adoolessa 18, 2024
Murni bixiginnaa teessuma aangoo isaaf jecha dargaggoota Oromoo humnaa fi goyyomsaan qabee fedhii isaanii malee adda waraanaatti haa guuru malee, dargaggootni leenji’an kun saba keenya hin gidirsinu jechuun qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makamaa jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 16, 2024 loltoonni sirnichaa dirqamaan qabamanii meeshaa hidhachiifamuun sirnicha tajaajilaa turan lama Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Osolee keessaa gooticha WBO bakkicha keessa socho’utti harka kennatanii jiru.
Loltoonni kunneenis qawwee AKM 2, boombii 4, rasaasa 382 fi hidhannoo waraanaa waliin gara WBO’tti akka dabalaman barameera.
Akka loltoonni kunneen jedhanitti sirnichi jalqabuma irraa kaasee uummata Oromoo bakka hin bu’u jechuun, booda kana ammoo deggartoota WBO’ti kanneen jedhaman hunda akka keessa hin deebinetti ajjeesuu fi qabeenyaa isaanii mancaasuu qabdu jechuun teessuma irratti nu mariisisaa turuun, kun ammoo ittuu daran kan nu aarsee mooricha keessa akka baanu nu kakaaseedhas jedhan.
Kana malees dhiibbaan loltoota sabaan Amaaraa ta’aniin irratti geggeeffamaa jiraachuu fi yeroo hedduu quba nutti qabuun isin WBO jedhamuun gidiraa hamaan nurratti adeemaa tures jedhan.
Mooraa sirnichaa keessatti bilbiluma dubbachuuf illee dhorkamaa turre, akkasumas, mana fincaanii illee qofaa deemuu hin dandeenyu jechuun lubbuu keenyas laannee bilisaan jiraachuu hin dandeenye mana hidhaa hamaa jechuun ni danda’amas jedhan.
Yeroo teessuma nu teessisan WBO’n nama qala itti dhaqnaan isin ajjeesa jedhanii nu doorsiisu, nuti garuu jalqabuma hawaasa irraa waa’ee WBO funaannachuun waraana dhugaan saba isaaf qabsaa’u ta’uu erga hubannee nus saba keenyaaf qabsaa’uu qabna jechuun gara qabsoo haqaatti dhufnes jedhan.
Dhuma irrattis simannaa WBO’n taasiseefitti guddoo gammaduun, osoo hin beekin godhii jaraatiin uummata keenya mana irratti gubaa fi ajjeesaa turre kanaaf ammoo uummata Oromoo bal’aan dhiifama jenna jechuun, ijoolleen dhalootaan Oromoo taatanii gocha badaa uummata keessan irratti raawwattan osoo yeroon isin hin darbin uummata keessan miidhuu irraa gara gaaddisa ta’uufiitti deebi’aa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

