• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Ballootti, ergamtoonni PP uummata irratti saamicha raawwatan

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Lukkeeleen murna Bilxiginnaa  addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Baha Harargee aanaa Malkaa Ballootti gareen maafi’aa PP kun  jiraattota saamuu cimsanii itti fufuun himame.

Aanicha araddaa Firii Qabsoo jedhamutti ergamtootni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata irratti saamicha raawwataa kan turanii fi jiran yommuu ta’u, ji’oota sadii dura “akka afooshaatti gaagura sadii sadii fidaa” jechuun ganda hundarraa erga walitti qabanii fudhatanii booda, gara waajjira isaaniitti galfachuun yeroo ammaa kana immoo kanniisa ofii isaaniin horsiifachaa kan jiran ta’uun bira gaa’amee jira.

Haaluma walfakkaatuun, ganduma kana keessaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun haala ittiin maallaqa uummataa saaman kalaqanii “maallaqa daandii ittiin hojjennu” jechuun tokkoo tokkoo jiraattotaa irraa qarshii dhibba shan shan humnaan dirqamsiisanii guuruun, maallaqa uummata irraa guuran sanaan immoo sangoota bitachuun ofii isaaniif gabbifataa jiraachuu jiraattonni gandichaa ifoomsaniiru.

Kana malees, ergamtootni Bilxiginnaa kun daldaltoota aanicha keessa jiran hundaan “isin misooma hin hirmaattan waan ta’eef, qarshii kuma sadii sadii fidaa” jechuun baasii dabalataa irratti ramadanii jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply