ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Humni walta’ee saamicha geggeessaa oolu bilxiginnaan nama tokko hidhuufis ta’e ajjeesuuf kutaa qorannoo tokko kan hin barbaachisnee fi bakkaa fi akka argetti ilmaan Oromoo gaaffii tokko malee guyyuu rasaasaan waadee ajjeesuu itti fufee jira.
Akkaatuma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Waancaa Cirrii keessatti Adoolessa 16, 2024 waraanni goolessaan murna PP dargaggeessa nagaa maqaan isaa Tawwakkal Mahaammad jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu fi dhukaasa jajjabduu itti banuun hawaasa naannichaa kan baaraagsan yoo ta’u, namni maqaan isaa adda hin baane tokko madaa’uu fi namoonni hedduun osoo dheessanii kufanii caccabuu maddeen keenya gamasii addeessanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti namni kun badii qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaan yakkamee ajjeefame jechuun, nu warri lubbuun jirrus guyyaa du’a keenyaa eegganna, badii malee kan itti tole maqaa barbaadan itti maxxansuun ajjeesuun aadaa waan ta’eef jechuun yaaddoo qabaachuu isaanii miira gaddaan guutameen ONM’tti himaniiru.
