• Tue. Nov 24th, 2026

Haleellaa dirooniin Israa’el Tel Aviv irratti raawwateen namni tokko du’uun yoo xiqqaate 10 mada’aniiru

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Loltoonni Huutii Yaman haleellaa dirooniin Israa’el Tel Aviv irratti raawwatameen shakkame hordofuun itti gaafatamummaa fudhachuu isaanii gabaasni ni mul’isa.

Dubbi himaan humna waraanaa Huutii Jimaata har’aa miidiyaa hawaasaa irratti maxxansa isaaniin ibsaniin gareen Yaman keessa jiru kun “Falasxiin dhuunfatamte ‘Tel Aviv’ irratti xiyyeeffateera” jedheera.

Waraanni Israa’el dho’iinsa guddaa naannoo waajjira Imbaasii Yunaayitid Isteetis magaalattii jirutti mudate irratti qorannoo banuu ibsuun, sirni ittisa qilleensaa biyyattii maaliif akka hin sochoone “xiyyeeffannoo qilleensaa” kana addaan kutuuf akka hin hojjenne kan murteessu ta’uu ibseera.

Humni qilleensaa Israa’el “samii biyyattii eeguuf” sakatta’iinsa dabaleera jechuun waraanni kun maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen dabalee ibseera.

Poolisiin Israa’el akka jedhetti reeffi nama tokkoo mana jireenyaa dhohinsa sanatti dhihoo jiru keessatti argamuu fi haalli kun qoratamaa akka jiru ibseera.

Suuraan bakka dhohinsi kun itti raawwatame irraa argame akka agarsiisutti, namoonni daawwatan hedduun gamoo mallattoo dhohinsaa qabu tokkotti walitti qabamaniiru. 

Huutiin Yaman irra deddeebiin diroonii fi misaa’ela gara Israa’elitti fi dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessatti furguggisuun deggarsa Falasxiinotaaf agarsiisaa jiru.

Hanga haleellaa Jimaata ganama barii Israa’el rukutuuf taasifametti yaaliin Huutiitiin godhame hundi ittisa Israa’el ykn michoota warra dhihaa humnoota naannicha keessa buufatamaniin akka addaan cite dhaabbati oduu Asoosheetid Prees gabaaseera.

Kibba Libaanos keessattis Hizbullaah haleellaa kaaba Israa’el keessatti bakka waraanaa irratti xiyyeeffate irratti raawwatu cimsee jira. Lola Israa’el Gaazaa irratti geggeessiteen namootni 39, 000tti siqan Gaazaa keessatti galaafataman gidduutti Falasxiinota waliinis gamtaadhaan socho’aa jirra jechuu garee finciltootaa Huutii Aljazeeraan gabaaseera.

Gandicha keessatti waajjira araddaa malee magaalaa Waldaa jedhamutti waajjira poolisii magaalichaatti namoota nagaa qabanii hidhuun achitti uummata garmalee tumaa turuun himameera.

Leave a Reply