• Thu. Nov 26th, 2026

Kaaba Shaggar  aanaa Kuyyuu keessatti konkolaachisaan tokko mana hidhaa irraa baafamuun loltoota sirnichaan ajjeefame

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Oromiyaa keessatti ilmi namaa yeroo ammaa loltoota PP’n ba’ee galuu dadhabuun guyyaa guyyaan bakka hedduutti qabamanii balleessaa tokko malee mana hidhaatti erga darbatamaniin booda qorannoo seeraa tokko malee ajjeefamanii akka sareetti bakkeetti gatamaa jiru.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu magaalaa Garba-Gurraachaa keessaa konkolaachisaa maqaan isaa Iyyaasuu Tafarii Warquu jedhamu waajjira Poolisii magaalichaa keessatti hidhanii guyyootaaf erga gidirsaa turaniin booda guyyaa kaleessaa Adoolessa 18, 2024  mana hidhichaa irraa baasuun ajjeesanii bakkeetti gatanii biraa deemuu jiraattonni ONM’tti himan.

Akka Jiraataan dargaggoo kana beeku tokko jedhetti dargaggoon kun nama siyaasa keessaa quba hin qabnee fi hojiima konkolaachisummaan kan jiraatuudha jechuun, balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun ajjeefames jedheera.

Itti dabaluun, namoonni gandoota aanichaa keessaa qabamanii magaalaa Garba Gurraachaatti hidhamanii jiran halkan halkan mana hidhaa irraa baafamuun ajjeefamaa jiru, kanneen namni argee awwaaluun alatti kan bineensi nyaatu illee akka jiru dabaluun ibseera. 

Leave a Reply