• Tue. Nov 24th, 2026

Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen sagalee %99.18 argachuun filannoo marsaa 4’ffaaf injifate

Jul 19, 2024

ONM-ABO Adoolessa 19, 2024

Pirezidaantiin Ruwaandaa yeroo dheeraaf kan turan Pool Kaagaameen filannoo Wiixata hordofuun sagalee dhibbentaa 99.18 argachuun irra deebiin filatamuu isaanii bu’aan filannoo guutuu Kamisa kaleessaa maxxanfame ni mul’isa.

Injifannoon filannoo yeroo dhiyoo kanaa Kaagaameen hoogganaan Ruwaandaa yeroo dheeraaf ture kun erga hoogganaa garee finciltootaa duguuggaa sanyii bara 1994 xumurame as aangoo kan qabataniidha.

Garuu maanguddoon ganna 66 kun filannoo pirezidaantii isa darbe waggoota torba dura gaggeeffameen dhibbentaa 98.79 argate caalaa daran injifate.

Hoogganaan paartii magariisa paartii Dimookiraat Firaank Habineezaa sagalee Wiixata kennameen dhibbentaa 0.5 qofa argatan.

Kaadhimamaa walabaa Filippe Mipayimanaa ammoo dhibbeentaa 0.32 argachuu isaanii lakkoofsi Komishinii Filannoo Biyyaalessaa irraa argame ni mul’isa.

Namoonni lamaan filannoo bara 2017 irrattis Kagame mormaniiru.

Bara kana dorgomtoonni mormitootaa hedduun erga dhorkamanii booda kaadhimamaa lamaan qofatu dorgomee ture jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply