ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Ergamtootni bilxiginnaa loltoota isaanii guutuu Oromiyaatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun cinatti gam-tokkoon ammoo hidhattoota Amaaraa daangaa ce’anii dhufan hidhachiisuun ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf ajjeesisaa, qe’eerraa buqqisiisaa, mana irratti gubsiisaa fi hiisisaa jiraachuun ni beekama.
Bifuma kanaan, Adoolessa 17, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Bartaa Saamii jedhamu keessatti hidhattoonni Amaaraa ergamtoota bilxiginnaa waliin ta’uun nama maqaan isaa Obbo Biyyoo Miidhaksoo jedhamu mana isaa deemuun erga isa dhabanii booda haadha warraa isaa Aadde Caaltuu Roobaa kan jedhamtu qabanii deemuun mana amantaa Bataskaana Gabreelii jedhamutti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Aanichatti, hidhattoonni Amaaraa uummata Oromoo irratti dararaa ulfaataa yeroo adda addaatti geessisaa kan jiran ta’uu yeroo darbe isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Bara bixiginnaa keessa manni amantii illee kabaja dhabuun iddoo itti uummanni hidhamee itti hiraarfamaa jiru ta’ee jira.


