ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Murni bilxiginnaa ergamtootaa fi tiksitoota isaa akkaataa isaan miidhaa jiraattota irratti godhaniin ilaalamee kan badhaafaman, waraanni sirnichaa fi milishoonni maallaqa argachuu qofaaf jireenya ilma namaaf naasuu dhabuun hawaasa irraa dhalatan saamuu, hidhuu, manneen irraa gubanii mancaasuu fi ajjeechaa guutuu Oromiyaatti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, Adoolessa 16, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee jedhamtutti waraanni faashistii Abiy Ahimed nama maqaan isaa Obbo Roobaa Garjoo jedhamu jalaa qotiyyoo 5 fi hoolota 30 fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa himaniiru.
Onichatti dhiibbaa lukkeeleen bilxiginnaa geggeessaa jiraniin yeroo ammaa hawaasni rakkoo dinagdee fi hawaasummaa hamaaf saaxilamaa kan jiran yoo ta’u, aanichuma magaalaa Maqii keessatti erga Jaal Batteen Urgeessaa Ebla 10, 2024 waraana Bilxiginnaan ajjeefamaniin booda obboleessi isaanii Miiloo Urgeessaa qabamee hidhamuun hanga yoonaa osoo hin gadhiifamin jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

