• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni faashistii imphaayera Itoophiyaa dargaggoota gurmaa’anii cirracha baasuun jiraatan dhorkuun ibsame

Jul 20, 2024

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Murni gabroomfataan imphaayera Itoophiyaa gama danda’u hundaan ciqilee isaa uummata Oromoo irratti jabeessuun loltoota isaa kallattii hundaan bobbaasee gochoota ilmaan namaa irratti raawwatamee hin beekne hunda raawwachuun gidiraa hamaa raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Lookoo jedhamutti dargaggoota gurmaa’anii cirracha baasuun jiraatan loltoonni imphaayera Itoophiyaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nutti fiddu” jechuun konkolaataan fe’isaa dhaqee cirracha akka hin feene dhorkuu dargaggoonni kun dubbatu.

Baay’inni dargaggoota kanneenii 45 ol yoo ta’u yeroo ammaa kana waan hojjetanii ittiin jiraatan dhabuun maatii isaanii waliin beelaaf saaxilamuun ibsameera.

Murni bilxiginnaa maqaa WBO jedhu fayyadamuun gochoota saamichaa dabalatee namoota hedduu hojii irraa ugguruun beelaa fi dararaa adda addaaf saaxilaa jiru.

Leave a Reply