ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Yeroo ammaa rakkoon nageenyaa imphaayera Itoophiyaa mudatee jiru sabaa fi sablammoota biyyattiif yaaddoo hamaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, kanaan walqabatee sodaa nageenyaa qabaniif jecha uummattoonni imphaayerattii hedduun hojii idilee dhuunfaa fi kanneen biroo irratti bobbaa’anii jiran addaan kutuun jiruu gadadoo hamtuuf saaxilamanii jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaanis, Waxabajjii 20, 2024 konkolaachistoonni hedduun Jibuutii irraa gara Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti Xaa’oo akka fe’aniif dirqamaan ergaman rakkoo nageenyaa kanaan dura humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon qabamanii dhabamsiifamaa akkasumas qarshii guddaa gaafatamaa waan turaniif nutis lubbuu keenyaaf sodaanna hin feenu jechuun diddaa waan mul’isaniif gareen maafiyaa PP Jibuutii irraa gara Itoophiyaa hin seentan jechuun ji’a 1 oliif ugguramanii jiraachuu konkolaachistoonni kun ONM’tti himanii jiru.
Konkolaachistoonni kun akka jedhanitti Jibuutiitti ”haalli qilleensaa baay’ee hoo’aa waan ta’eef, namoonni hedduun itti baruu dadhabanii sadarkaa du’aa irra kan ga’an yoo ta’u, qarshii of harkaa qabanillee fixuun beelaa fi dheebuuf saaxilamaa jiraachuu fi konkolaattonni hedduun kanneen “xaa’oo hin feenu” jedhan ammoo dhoksaan qarshii guddaa kaffalanii fe’umsa kan biroo fe’atanii gara Itoophiyaatti seenaa jiraachuu itti dabaluun maddeen keenya eeraniiru.


