• Wed. Mar 18th, 2026

Lola gootichi sabaa WBOn godina Arsii bahaa aanaa Martii keessatti fudhateen ajajaan kumaa fi dhibbaa hospitaala keessatti du’uun beekame

Jul 22, 2024

ONM-ABO Adoolessa 20, 2024

Koromiwwaan WBO Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Ambaa aanoolee godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti tarkaanfii jajjabduu fudhaateen loltoota sirna bututaa Minilik dhaabuuf lolan 14 battalatti ajjeessuun 9 madeessuu Adoolessa 19, 2024 gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan jajjabeewwan Gaara Cilaaloo waraana faashistii PP uummata keessa maqaa sakkattaan bobbaatee goolaa ooltu irratti tarkaanfii fudhatee battalatti 14 ajjeesee 9 madeessee keessaa warri madoon hospitaala galte dabalataan shan du’uun beekameera.

Loltooni shanan rasaasa WBOn mada’anii hospitaalatti lubbuun darban kunneenis ajajaa kumaa fi dhibbaa ta’uun ifoomeera.

Loltoota battalatti ajjeefaman sana keessa ajajaan kudhanii keessatti kan argamu yoo ta’u, du’a ajajoota kanaatti kaabinoonni aanaa hedduu gadduun guyyaa dheengaddaa kana magaalaa Aboomsaa fi ganda Heellaa keessa konkolaataan socho’anii qawwee dhukaasuu fi keeppii gurraacha kaawwatanii akka turanis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading