ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Lammiileen miliyoona 13’tti dhiyaatan ji’oota Adoolessaa fi Fulbaana gidduutti gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa akka barbaadan gabaasichi ifoomsee ture. Akkasumas, namoonni miliyoona afur ta’an buqqa’anii naannoolee Oromiyaa, Somaalii, Tigraay keessatti kan argaman ta’uu isaa addeesse.
Guraandhalaa hanga Caaamsaatti dhiyeessiin midhaan nyaataa dabalataa kan omishamu ta’us naannoleen waqtii kanatti midhaan hin omishne beelaaf kan saaxilaman ta’a. Naannolee kanneeniif gargaarsi midhaan nyaataa dabalataa barbaachisaa ta’a jedhameera.
Akka raagni qilleensaa agarsiisetti, Caamsaa hanga Fulbaanaatti bokkaa cimaan roobuu akka malu ibsuun dhuma bara 2024 keessa omishni uummata irraa hanqachuun beelli hamaan dhufuu akka danda’u sodaa qabu himeera.
Akka gabaasichaatti, qaala’iinsi midhaan nyaataa rakkoo kana kan hammeessu yoo ta’u, qaala’iinsi midhaan nyaataa kunis %22.7 fi qaala’iinsi waliigalaa %19.9 gaheera jedhame.
Dhaabbanni mallattoolee beelaa qoratu (FEWS NET) gabaasa baaseen, naannoleen Tigraayii fi kaaba Baha Amaaraa Caamsaa hanga Fulbaanaatti beelaan kan saaxilaman ta’uu ibsee ture. Lammiileen miliyoona afur ta’an akka beela’an addeessee ture.
Kun ta’ee Itoophiyaan akka waan guddina saffisaa agarsiisaa jirtuutti, inumaa imphaayerattiin badhaadhaa akka jirtutti miidiyaalee of harkaa qabduun ibsaa yeroo jirtutti dubbiin faallaa as bahaa jiraachuu gabaasaaleen ni addeessu.



