• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaatti rooba ulfaataa mudateen lolaan qabeenya hawaasaa mancaasuun himame

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 22, 2024

Farreen gareen of ijaaranii filannoo uummataa malee nuti mootummaadha ofiin jedhan balaan uumamaa hawaasa Oromoo yoo mudate, akka carraa guddaatti lakkaa’uun uummatichaaf birmannaa tokkollee taasisuu dhiisuun WBO’n keessan dhufee isin haa gargaaru yeroo jedhan dhagaa’ama. 

Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Caalii Jimaa keessatti roobni hamaan roobuun lolaan qabeenyaa fi manneen uummataa hedduminaan jalaa mancaasee hawaasni yeroo rakkatutti qaamni waajjira irraa ittisa balaa ofiin jedhu dhimma irraa akka hin godhanne maddeen keenya ifoomsan.

Bilxiginnaan afaaniin qofa “uummata kootiifan dhaabbadha” jedhee  holola afarsus  hawaasa rakkoo kanaaf saaxilaman qaamni qaqqabe hin jiru. Daranuu uummata nagaa qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun dararaa turanitti rakkoon uumamaa yeroo dabalamu maatiin baay’een abdii kutachuun gara firoottan isaaniitti da’annoo kadhachaa jiraachuun barameera.

Ganduma kana keessatti balaan uumamaa kun kan mudate Adoolessa 18, 2024 namoota maqaan isaanii Fiqiruu Firdiisaa fi Iddeesaa Teessoo jedhaman qabeenyaa fi manneen isaanii lolaa hamaan jalaa kan manca’e yoo ta’u, ganda Aliitoo Waradii jedhamu irraa immoo nama maqaan isaa Geetaachoo Mallasaa jedhamu jalaa qe’ee fi qabeenyi jalaa manca’uun eerameera.

Leave a Reply