• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Daawoo keessaa hidhamtoonni maqaa WBO’n yakkamanii hidhaman gara leenjii waraanaatti fe’amuuf akka jiran beekame

Jul 23, 2024

ONM-ABO Adoolessa 23, 2024

Tooftaa ittiin teessoo imphaayerattii irra ittiin turan  baafachuun murni bilxiginnaa ergamtoota isaanii akka isaaniif dandaa’ametti leenjifatanii hawaasa keessa bobbaasuun gidiraa hanga kana hin jedhamne uummata Oromoo irraan gahaa jiran itti fufuun, namoota badii malee qabanii hidhan leenjii waraanummaatti ergaa jiru.

Ilaalcha WBO qabduutiin namoota nagaa mana mana isaanii irra deemuun qabanii erga hidhaa galchanii booda   erga guyyootaaf mana hidhaa  tursiisanii booda akka umurii isaaniitti ilaaluun dirqama itti godhanii gara leenjii raayyaa ittisa imphaayerattii fi milishaa gochuu itti fufanii jiru. 

Aanaa Daawoo gandoota akka Diimaa Jalluu’aan, Qarsaa Boombii, Taajjab Goraa Saaqayyoo, Qancaraa Aliitoo, Seedaree Arbuu, bulchiinsa magaalaa Buusaa ganda  01, Goraa Roggee fi Jidduu Kaa’aa keessaa torbanoota lamaan darbaniif namoota nagaa sababuma WBO’n bakkicha keessa socho’u qofaaf jumlaan namoota baay’inni isaanii shantamaa ol ta’an hidhanii magaalaa Buusaa keessatti dararaa akka turan ibsu.

Akka  keessa beektonni jedhanitti Adooleessa 21, 2024  namoota nagaa manneen isaanii irraa qabaman kana gara mooraa leenjii waraaanaa oofuuf karoorfatanii akka jiran dabaluun jiraattonni kunneen ibsaniiru.

Murni bilxiginnaa tooftaa kanneen baafachuun maqaa WBO’n yakkee saamichaa fi leenjii waraanaatti oofuu dabalatee ilmaan kee fi qabeenya kee si harkatti fixna jechuun dirqamaan waan humna isaanii ol itti fe’anii dararaa akka jiran yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha. 

Leave a Reply