ONM-ABO Adoolessa 21, 2024
Ittisni qilleensaa Israa’el misaa’ela lafa irraa gara lafaatti furgiggifama Dilbata ganama Yaman irraa dhukaafame to’achuu isaa waraanni biyyattii beeksise.
Sirni ittisa misaa’elaa isaa Arrow 3 pirojektiilii kana osoo gara naannoo Israa’elitti hin qaxxaamurin dura kuffisee akka ture ibseera.
Utuu addaan hin kutin dura saayireniin haleellaa qilleensaa magaalaa buufata doonii Galaana Diimaa Eyilalat Kibba Israa’el keessatti dhagaa’amee jiraattonni da’annoo argachuuf akka fiigan taasiseera.
Guyyaa tokko dura xiyyaaronni waraanaa Israa’el diroonii garee Iraan deggaramuu Huutiin furguggifamee Tel Aviv rukuteef deebii kennuudhaan bakka waraana Huutii naannoo buufata doonii Yaman Hodeeyidaa jedhamutti rukutanii turan.
Israa’el haleellaan kaleessa Yemen keessatti Huutii irratti raawwatte erga haleellaa Onkoloolessa 7 Hamaas Israa’el irratti raawwate kan jalqabaa yoo ta’u, Huutiin garuu Galaana Diimaa irratti dooniiwwan Israa’el fi hidhata Israa’el qaban haleeluu hanga magaalaa guddoo Israa’el Tel Aviiv rukutee miidhaa qaqqabsiisuutti ga’u Dhaabbanni Oduu Rooyiters fi miidiyaaleen gabaasaniiru.




