• Wed. Nov 25th, 2026

Daandiin Guddichi Finfinnee irraa ka’ee Godina Boorana Bahaa Magaalaa Nageellee Booranaa seenu Godina Gujii Bahaa Magaalaa Adoolaatti PP’dhaan cufame

Jul 24, 2024

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Murni maafiyaan Abiy Ahimediin durfamu daandii guddicha Magaalaa Finfinnee irraa ka’ee Nageellee Booranaa seenu sababa “Duula sakattaa qabna jedhuun, bultii 15’f daandiin Kun cufameera” jechuun magaalaa Adoolaa irraa gara magaalaa Nageelleetti sochiin tajaajila hawaasummaa kamiyyuu akka dhaabbatu taasisaniiru.

Uggura kanaanis konkolaataan  kamiyyuu har’a Adoolessa 24, 2024 irra kaasee hanga bultii 15’tti akka hin sochoone gochuun daandii tajaajila hawaasaa irratti uggura abbaa irrummaa isaa labsee jira.

Bifuma wal fakkaatuun godina Gujii Bahaa fi godina Boorana Bahaa keessatti daandiiwwan geejjibaa xixiqqaan tajaajila hawaasummaa aanaalee irraa gara gandootaatti geessan kamiyyuu ji’a lamaaf tajaajila hawaasummaa akka addaan kutan godhaniiru.

Murni bilxiginnaa qaala’iinsi jireenyaa hamaan uummata kana akka mudatuu fi hawaasni akka walitti deemee hin tajaajilamne gochuun uummatni kun beelaaf dhibee gargaraatiif saaxilamee akka badu taasisuun gochaa hamaa kana dalagaa jiraachuuu  jiraattonni himan.

Aanaalee jedhaman kana keessaa afur kan uggurri irratti labsame gandoota isaa waliin: 

  1. Aanaa Waadaraa gandoota 19
  2. Aanaa Gooroo Doola gandoota 21
  3. Aanaa Liiban gandoota 19 olii fi
  4. Aanaa Gumii Eeldalloo gandoota 16 oli kan of keessaa qaban hunda irratti tajaajilli hawaasaa gama geejjibaatiin akka addaan citu taasisanii jiraachuu maddeenii fi jiraattonni bakkichaa ONM’tti himaniiru. 

Leave a Reply