ONM-ABO Adoolessa 24, 2024
Diigamiinsi mooraa PP keessatti geggeeffamaa jiru kan yeroo kamuu caalaa jabaatee itti fufuun waraanni sirnichaa dhalootaan Oromoo ta’an lola nu hin ilaallannee fi uummata keenya miidhu irratti hin hirmaannu jechuun Zoonilee maratti qawwee fi hidhannoo isaanii guutuu waliin WBO’tti makamaa jiru.
Adoolessa 21, 2024 Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Incinnii irraa loltoonni sirnicha tajaajilaa turan 4 qawwee AKM 4 hidhannoo waraanaa guutuu waliin WBO bakkicha keessa socho’utti harka kennataniiru.
Akka loltoonni kunneen jedhanittis afaaniin akka waan aantummaa sabaa qabanii of fakkeessuun miidiyaa irraa hololu. Gaafa hawaasa keessa bobbaanu garuu uummata nagaa maqaa deggaraa WBO’ti jedhuun manneen isaa irratti gubuu fi ajjeechaa seera hin qabne irratti raawwachaa turre jechuun gocha geggeessaa turan kanatti daran aaruu himan.
Mooraa isaanii keessa walii galteen akka hin jirree fi walqoodiinsi sanyummaa jabaatee akka jiru kaasuun waraanni hedduunis uffata jijjiiratee badaa akka jiruu fi diigamiinsi mooraa isaanii keessatti daran babal’atee akka jiru dubbatan.
Dhuma irrattis simannaa WBO’n taasiseefitti hedduu gammaduun ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo taatanii mooraa diinaa keessatti haftan saba keessan irratti gocha fokkisaa itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isin hin baasne hojjechuu irra gara mooraa qabsoo sabaatti dabalamaatii uummata keessan tajaajilaa jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.



