• Thu. Nov 26th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaalee adda addaatti barattoonni qarshii 1000 kaffalanii kaardii akka fudhataniif dirqamsiifamuun beekame

Jul 29, 2024

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024

Bilxiginnaan saba tokko irratti falaasama dhuunfaa isaa tolfachuun hawaasa giddu galeessa godhatee hojjechuu kan hin barbaanne bulchiinsa aangoo isaanii akkaataa isaaniif tolutti miidhagsanii bulchuuf malee xiyyeeffannoo hawaasaa dhabuun dhaabbilee barnootaa keessa seenuun rakkoo uumaa jiru.

Akka barattoonni bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa Buraayyuu mana barumsaa Noonnoo sadarkaa tokkoffaa irraa ONM dubbise himanitti barattoonni xumura barnootaa waggaatti qarshii 1000 tokkoon tokkoo barattootaa kaffaluun kaardii akka fudhatan dirqamsiifamuu himan.

Namoonni hedduun  maallaqa kaffalan  dhabuu irraan kan ka’es hanga har’aatti kaardii kan hin fudhanne ta’uu himuun, waggaa keessatti marsaa adda addaaf maallaqa deggersa milishootaa, buusaa gonofaa fi kanneen biroo jechuun saamaa akka turanis dubbatu.

Galmee bara barnootaa 2024/25’f  barattoonni kaardii waan hin fudhanneef maal akka godhan wallaaluun hojii humnaa ganna kanaatti bobbaa’anii akka jiranis  barattoonni ONM dubbise dabaluun himaniiru.

Leave a Reply