ONM-ABO Adoolessa 25, 2024
Caasaaleen bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti ijaaramanii jiran maqaalee adda addaa moggaafatanii uummata maallaqa humnaa olii gaafachuun, akka uummanni hiyyummaaf saaxilamee of jibbuu fi qe’ee irraa godaanu gochaa jiraachuu taateen isaan guyyaa guyyaan hawaasa Oromoo irratti raawwachaa jiran ni mul’isa.
Akkaatuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti lukkeeleen bilxiginnaa Adoolessa 20, 2024 irraa eegaluun waltajjii magaalaa Caffaa Roobit fi Qiciicoo, akkasumas bakkoota garaagaraatti hawaasa dirqiin baasuun geggeessaa turaniin, raayyaan ittisa biyyaa fi milishoonni isiniif halkanii fi guyyaa dhaabbatan, beela’uuf jiru, kanaaf uummanni cufti bakka jiruu waan qabu walitti buusee ganda tokko irraa qarshii 70,000 akka dhiyeessitan jechuun ajaja dirqamaa dabarsanii deemuu jiraattonni himan.
Akka jiraataa magaalaa Qiciicoo ONM dubbise tokko himetti, gandi Wadaddar qarshii 70,000, gandi Golboo Arbaa ammoo 60,000 akkasumas gandootni aanicha jalatti argaman cufti torbee tokko keessatti qarshii jedhame walitti qabuun akka dhiyeessitan, kan hin qabnu jedhu ammoo ni hidhamaa fi qe’ee isaa gadhiisa jechuun akeekkachiisanii deemuu kan dubbate namni kun, uummanni isaan qarshii 70,000 gaafachaa jiran kun qarshii 700 kaffaluu kan hin dandeenyee fi kaan waraanuma gabroomfataa PP kanaan manneen irratti gubate jedha.
Yeroon kun qonnaan bulaaf yeroo oomishaati malee yeroo itti akka waan maallaqni itti kennamuutti gaafatamu miti kan jedhu namni kun, bilxiginnaan ofii isaaf baay’ina waraanaatti amanuun waan nyaachisu dhabee uummata nagaatti roorrisa jechuun dabaluun addeesseera.
Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma magaalaa Fursee keessaa Adoolessa 20, 2024 hidhattootni sirnichaa deggartoota WBO’ti jechuun nama maqaan isaa Umar Mahaammad Biloo jedhamuu fi tokko kan maqaan nu hin geenye reebicha cimaa ta’e erga irratti raawwataniin booda magaalaa Furseetti hidhanii jiru jechuun ONM’tti himaniiru.
