ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Gareen badee balleessaan hacuuccaa malee mirga dhala namaaf kabaja hin qabne aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Majaa Shananii jedhamu keessatti dargaggoota Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an yeroo dheeraaf hidhanii hiraarsaa akka turan jiraattonni dubbatu.
Dargaggoota mana hidhaa keessatti galchuun hiraarsaa turan kanneenis yeroo irraa gara yerootti mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuu fi akkasumas bakka namni hin arginetti dhoksaan ajjeesanii maatiin illee reeffa akka hin awwaallane gochuu irratti argamu jechuun jiraattonni taatee isaanii fi ilmaan isaanii irratti raawwatu himu.
Adoolessa 23, 2024 galgala toora sa’a 1:00’tti dargaggoota afur hidhamtoota biraa baasuun lama ajjeesanii bakkeetti gatanii reeffi yoo argamu lama ammoo kan hin argamne ta’uu jiraattonni ibsan.
Qeerroowwan ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii:
Gannaa Baatii fi Habiboo Jaamboo Wariyoo kanneen jedhaman yoo ta’an, dargaggoota lameen kanas rasaasa 23 itti dhukaasuun ajjeesan jechuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waraanni sirna bututaa kana suphuuf bobbaafaman kunneen dargaggoota kana erga ajjeesanii boodas namoota reeffa sana kaasuuf dhaqe irratti eeguun reebicha hamaa raawwachaa akka turanis dabaluun ibsaniiru.
Akka jiraattonni jedhaanitti qeerroowwan kunniin namoota hawaasa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa qaban, akkasummas namoota humna isaanitiin nama rakkataa tola gargaaranii fi qabeenyaanis bira dhabbataniidha jechuun sirnichi namoota hawaasa keessatti fudhatamummaa qaban keessaa filee ajjeesuu irratti xiyyeefatee jiras jedhan.

