ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Kibbaa godina Booranaa aanaa Areeroo ganda Rannuu iddoo addaa Mana Barumsaa Rannuu jedhamutti harcaatota waraana Abiy Ahimed kan Riphee Lolaa, Poolisii Oromiyaa, Raayyaa Ittisa Imphaayerattii fi milishoota jedhaman kaleessa ganama Adoolessa 25, 2024 tarkaanfii boonsaa irratti fudhatee jira.
Tarkaanfii kaleessa ganama Adoolessa 25, 2024 sa’a 12:00 irraa qabuun WBO’n Cibraa Madda Albuudaa fi Cibraa Mataa Gaafarsaa waliin ta’uun fudhatan kanaan ergamtoota Abiy Ahimed irraa battalatti 15 ajjeesee 25 madoon adabee tokko booji’ee jira.
Lola jajjabeen WBO rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheesse kanaan gama meeshaatiin AKM 6 fi hidhannoo, jorooroo PKM fi rasaasa akkasumas uffata waraanaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii taasisee jira.
Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Paarlaamaa fi Caffee Oromiyaa irraa Shimallisii fi Abiy balleessuuf kakatan Oromiyaa bakka cufatti loltoota Bilxiginnaa lolee injifannoo irratti argachaa jira.









