ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Yunaayitid Kingidam Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)’n ajaja hidhaa muummicha ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa Yohaav Gaalant kennuudhaaf aangoo qabaachuu fi dhiisuu isaa gaaffii keessa galchuuf tattaaffii taasifamu akka hin itti fufne ibsiteetti.
Ji’a Caamsaa keessa abbaan alangaa ICC Karim Kahan yakka waraanaa yeroo waraanaa Israa’el Gaazaa irratti raawwatte jedhamaniif ajaja hidhaa Netaaniyaahuu fi Gaalant irratti iyyataniiru.
Yakka waraanaa Onkoloolessa 7 haleellaa kibba Israa’el irratti raawwatamee jedhame irratti hoggantoota garee Falasxiin Hamas sadiif ajaja gaafateera.
Sanadoonni mana murtii ji’a Waxabajjii keessa ummataaf ifa ta’an akka agarsiisanitti, Biriteen, biyyi miseensa ICC taate, “manni murtii lammiilee Israa’el irratti aangoo murtii kennuu danda’uu fi dhiisuu isaa, haalawwan Falasxiin lammiilee Israa’el irratti aangoo yakkaa fayyadamuu hin dandeenye keessatti Waliigalteewwan Osloo”n ilaalama jette.
Jimaata kaleessaa dubbi himaan Muummicha Ministeeraa Keyir Ustaarmer akkas jedhan: “Mootummaan yaada kana ejjennoo yeroo dheeraa qabnuun dhimma manni murtii murteessu ta’uu isaa waliin walsimuun akka hin hordofne mirkaneessuu nan danda’a” jedhan jechuun Al Jazeeraa’n gabaaseera.






