• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaatti murni bilxiginnaa hawaasa hidhee maallaqa irraa funaannachaa jiraachuun beekame

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Sirni dinagdeen harkatti daaraa ta’e jiru bilxiginnaan, hawaasa nagaa balleessaa tokko malee  WBO waliin hariiroo qabdu, waraqaan eenyummaa keessan yeroon irra darbeera, sa’a 12:00 olitti deemtanii fi fuulli kee haaraadha jechuun namoota mana hidhaatti darbuun guyyootaaf erga mana hidhaa tursiisaniin booda mirga wabii qarshii hanga kanaan waammadhu jechuun qarshii namni sun qabatee hin beekne itti murteessuun irraa saamaa jiraachuu jiraattonni himan. 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessattis akka jiraattonni magaalichaa ONM’tti himanitti gochaan waraanni sirnichaa magaalaa fi gandoota aanichaa 20 keessatti raawwachaa jiru kan uummata hedduu qe’ee isaanii irraa buqqisee fi jireenya itti hadheesseedha jedhu. 

Namoonni sababa qabatamaa tokko malee waajjira poolisii magaalaa Maqii keessatti argaman hedduu ta’uu fi namoota kanneenis bakka lamatti qooduun namoota maallaqa guddaa qabanii fi  giddu-galeessa akkaatuma dinagdee isaaniin harkaa saamaa akka jiran himameera.

Itti dabaluun namoonni maallaqa gaafataman kana kaffaluu hin dandeenye hedduun ammoo baatii dheeraaf mana hidhichaa keessatti gidirfamaa akka jiran dabaluun ONM’tti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading