• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti lukkeeleen bilxiginnaa hidhamtoota irraa maallaqa ittiin ba’an humnaa ol fudhachaa jiraachuun dhagaa’ame

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Tiksitoonni imphaayera Itiyoophiyaa kanneen Oromummaa hadheeffatanii morman ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf badii tokko malee hidhuu fi saamuu kan durii caalaa jabeessuun mana hidhaatii baasuufis matta’aa irraa fudhatanii gadi dhiisuu itti fufanii jiru.

Haaluma Kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti hidhamtoonni kaffaltii humnaa olii kaffalanii hidhaarraa gadi lakkifamaa jiraachuu fi kanneen kaffaltii kana kaffaluu hin dandeenye ammoo hidhaatti dararamaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise ibsanii jiru.

Jiraataa ganda Baarii Abboo kan ta’e nama maqaan isaa Ashuu Qaddamaa jedhamu badii tokko malee hidhamee kan ture, Adoolessa 24, 2024 kaffaltii qarshii 50,000 irraa fudhatanii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply