• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii keessatti manneen namootaa gubuun saamicha raawwatan

Jul 31, 2024

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Murni maqaa mootummaan aangoorra jiru bilxiginnaan, rakkoo daangaa hin qabne Oromiyaa keessatti dhalchee, sababa tokko malee duguuggaa sanyii raawwachuun qe’ee haadha hiyyeessaa irratti diigee jiraattota hedduu mana maleeyyii godhanii dhiiga boochisaa ooluu itti fufanii jiru.

Haala kanaanis waraanni goolessaan sirnichaa qe’ee uummata Oromoo akka gubanii barbadeessaniif ajaja fudhachuun bobbaafaman kaleessa Adoolessa 27, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Busaanoo Qaawwisoo iddoo addaa Harkoo jedhamutti mana Obbo Jireenyaa Biraasaa gubuun kan barbadeessan yemmuu ta’u, namni kun daba hojjete qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaan yakkanii bakkeetti hambisanii jiraachuun barameera.

Obbo Jireenyaan nama siyaasa tokko keessallee homaa hin qabne yoo ta’u, bara 2022 keessas mana qorqorroo baallee 84 qabeenya waliin jalaa gubuun yoo barbadeessan, mana malee jiraachuun waan hin danda’amneef ammas  marsaa lammaffaaf yeroo inni ijaarratu irra deebiin Adoolessa 27, 2024 qodaa mana keessaa, uffannaa fi midhaan dabalatee, kan danda’an guurrachuun kaan dhangalaasuun jireenya isaa mancaasanii maatii isaa bakkeetti darbatanii deemanii jiru.

Leave a Reply