ONM-ABO Adoolessa 30, 2024
Mataan nafxanyoota Abiy Ahimed abbaan jeequmsaan beekamaan Gaanfa afirikaa, nagaan lammiilee gidduu akka hin jiraanneef waraana uummata nagaatti bobbaasuun saamicha, dhiitamiinsa mirga namoomaa fi ajjeechaa daangaa hin qabne gaaffii seeraa tokko malee akka hawaasa irratti raawwatan erga gochuu eegalee bubbuleera.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu Bulchiinsa Magaalaa Beengu’aa ganda Mardoo Didibbee keessatti Adoolessa 28, 2024 murni maafiya PP waraana isaa bobbaasuun nama maqaan isaa Naasir Mohaammad jedhamu duukkaa fiiguun rasaasa itti roobsanii kan ajjeesan yoo ta’u, namoonni lama kan maqaan isaanii ammaaf adda hin baane lubbuun fiiganii harkaa ba’uu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.
Bifuma Wal fakkaatuun hiraarfamni uummataa cimee itti fufuun kaleessa Adoolessa 29, 2024 ganama barii ammoo ganda Idooroo Toobbaraatti ba’uun jeequmsa uumaa kan turan waraanni kun, durbee Daraartuu Hiikaa kan jedhamtu manatti itti seenuun qabanii sababa tokko malee fuudhanii deemuun maatiin yaaddoo hamaa keessa galanii akka jiranis ibsan.
Walumaagalatti waraanni PP guutuu Oromiyaa keessatti bobba’ee jiru, hacuuccaa daangaa darbe raawwachaa jiraachuun bakkoota hedduutti uummatatti yaaddoo nageenyaa guddaa uumee jiraachuun barameera.
