ONM-ABO Adoolessa 28, 2024
Finciltoonni Tuwaareg kaaba Maalii keessatti argaman Sanbata darbe loltoota mootummaa waraanaa (Juuntaa) biyyattii waliin hiriiran kurnan hedduu ajjeesuu fi madeessuu isaanii himaniiru.
Finciltoonni kun lola kaaba biyyattii daangaa Aljeeriyaatti dhihoo jiru keessatti loltoota kiraa sassaabdota Raashiyaa garee Waagner irraa dhufanis ajjeesuu isaanii himan.
Gareen Waagner gara Maalii kan deeme erga Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii bara darbe ergama nagaa eegsisuu waggoota kurnan lamaan darbaniif saba Afrikaa keessatti xumuramuuf sagalee kenneen booda.
Sagaleen UN kun kan kenname erga mootummaan waraanaa achi jiru humni namoota 13,000 ta’an kana akka ba’an gaafatee booda ture — tarkaanfiin kun US garee Waagneriin kan qindaa’e ta’uu dubbatteetti.
Himannaan finciltootaa kun kan dhufe erga waraanni Maalii Jimaata haleellaa finciltootaa magaalaa daangaa Tinzayowaten irratti raawwatameen loltoonni lama ajjeefamanii 10 madaa’uu isaanii ibsee booda.
Tuwaareg saba naannoo Sahaaraa keessa jiraatan yoo ta’u, kutaalee kaaba Maalii dabalatee qubatanii jiru
Hedduun isaanii mootummaa Maaliitiin akka hacuucamaniitti kan itti dhaga’amu yoo ta’u, yeroo dheeraaf naannoo gammoojjii Azawad jedhanii waamuun ofiin of bulchuu barbaadaa turan.
Maaliin Finciltoota Islaamummaa bara 2012 biyyattiitti fincila kaasan hordofee dhibdee hidda gadi fageeffate dhaabuuf rakkattee jiraachuu Dooch Waleen gabaaseera.


