ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Mootummaan gabroomfataan imphaayera Itiyoophiyaa gama danda’u hundaan ciqilee isaa uummata Oromoo irra dhaabbachuun murnoota isaa kallattii hundaan bobbaasee gochoota ilmaan namaa irratti raawwatamanii hin beekne hunda raawwachuun abbaa irrummaa isaa ifatti agarsiisaa kan jiru ta’uun ni beekama, godina Baha Wallaggaa aanaa Boonayyaa Bosheetti loltoonni faashistii Abiy Ahimed nama tokko rasaasaan rukutanii madeessuun himameera.
Ganda Ejersa Guutee jedhamee beekamutti Adoolessa 30, 2024 loltoonni sirnichaa nama maqaan isaa Lalisaa Kabaa jedhamu bakka inni loon tiksutti badii tokko malee rasaasa itti roobsuun du’eera jedhanii gatuu jiraattonni gandichaa eeranii jiru.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, “Lalisaan nama siyaasa kam keessa illee hin jirre ta’uu himuun, miidhaa qaamaa cimaa isa mudateef yeroo ammaa kana hospitaala Sireetti yaalamaa akka jiruu fi haalli fayyummaa isaa baay’ee yaaddessaa ta’uu dubbatu.
Kana malees, loltoonni sirnichaa kun “WBO nyaachiftu; karaa itti agarsiiftu” jechuudhaan jiraattota aanichaa irratti dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.



