ONM-ABO Hagayya 2, 2024
Murni Bilxiginnaa afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii (genocide) labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa, mana irratti gubuun kaan immoo yakka tokko malee hidhaatti guuree achi buutee dhabamsiisee dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Buraayyuu keessatti ergamtoonni sirnichaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii qabuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiran yommuu ta’u, imaltoota Lixa Oromiyaa irraa gara Finfinnee imalan konkolaataa irraa buusuun achi buutee isaanii dhabamsiisuu itti fufanii jiraachuun eeramee jira.
Dargaggoo maqaan isaa Biiniyaam Addunyaa jedhamu dorgommii ispoortii magaalaa Finfinneetti adeemsifamu irratti hirmaachuuf garee ispoortii ‘Love Star’ jedhamu waliin dorgommiif osoo deemuu Adoolessa 29, 2024 magaalaa Buraayyuu bakka Keellaa Gafarsaa jedhamutti konkolaataa uummataa keessaa buufamuun ukkaamfamee loltoota sirnichaan achi buuteen isaa dhabamuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Kana malees, magaalichatti ilmaan Oromoo hedduun sababa tokko malee ukkaamfamuun dararaa ulfaataa ta’e argaa jiraachuu namoonni magaalichaa itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


