• Thu. Nov 26th, 2026

Namootni Kumaatamaan lakkaa’aman Iraan keessatti sirna awwaalchaa hoogganaa Hamaaa Ismaa’il Haaniyaa irratti argaman 

Aug 2, 2024

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Iraan haleellaa Israa’eliin  himatameen hoogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyaa Teyiraan keessatti ajjeefamuun booda waamicha haaloo ba’uu waliin hiriira awwaalchaa geggeessiteetti.

Hoogganaan olaanaa Ayaatollah Ali Kaamenii Kamisa kaleessaa kadhannaa Haniyaa kan hoogganan yoo ta’u, kanaan dura ajjeechaa isaaf “adabbii cimaa” Israa’el akka adabamtu doorsisaniiru.

Giddugala magaalaa guddoo biyyattii keessatti namoonni gaddaan kumaatamaan lakkaa’aman poostaroota Haniyaa fi alaabaa Falasxiin qabatanii sirna kanaaf Yunivarsiitii Tehranitti walitti qabamaniiru.  

Haniyaa fi eegduun isaa Roobii  darbe bakka jireenyaa isaanii Tehran keessatti haleellaa raawwatameen ajjeefamaniiru.

Israa’el haleellaa haaloo ba’uu magaalaa guddoo Libaanos Beerut irratti raawwatteen ajajaa olaanaa Hizbullaa Fuwaad Shukurii irratti xiyyeeffattee erga ajjeestee sa’aatii muraasa booda yoo ta’u, kunis sodaa waraana naannoo bal’aa ta’e uumeera.

Israa’el haleellaa Teyiraan irratti raawwatameef yaada kennuu didde.  

Lola Israa’el Gaazaa irratti geggeessiteen yoo xiqqaate namoonni 39,480 yoo du’an, 91,128 ammoo madaa’uu Ministeerri Fayyaa naannoo sanaa beeksiseera. 

Gama Israa’eliin Onkoloolessa 7 namoonni 1,139 ajjeefamanii 200 ol booji’amaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply