• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti waraana abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin jabaate

Aug 7, 2024

ONM-ABO Hagayya 3, 2024

Gidiraa fi hiraarfamni lammiilee nagaa homaa kan itti hin fakkaanne waraana faashistii PP’tti, sabaaf sablammoota imphaayerattii keessatti argaman hundaa keessaa ilmaan Oromoo qofaatti fo’uun gara jabummaa irratti taasisaa jira.

Akka Jiraattonni godina Arsii Lixaa ONM dubbise himanitti, lammiilee nagaan yakkoota hin raawwanneen shakkamanii dararaa ulfaataa keessa kan jiran hidhaa, saamichaa fi gubaatiin manneenii irratti taasifamaa jiru hammaatee jira

Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa ganda Haqoo Karraa  fi Baalo Gadaabbaa jedhamu keessatti Adoolessa 31, 2024 namoonni nagaan hedduun jumlaan maqaa waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hidhamanii dararamaa jiran muraasni maqaan nu ga’e: Sheemus Abdullaayi, Mohaammaduseen Abdullaayi, Indiriis Saadee, Joobir Saadee, Umar hajii Yuunee fi kanneen maqaan nu hin geenye hedduun hidhamanii hiraarfamaa jiru. 

Gara jabummaa hamaan waraana itti bobbaasuun gochoota hamaa hawaasa irratti raawwachiisaa kan jiru namoota maqaan isaanii Awwal Jamuu fi Amaadaa Hammuu ta’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply