ONM-ABO Hagayya 4, 2024
Sirni aadaaf safuu uummataa cabsuun gochoota saalfachiisoo fi gara jabinaa hawaasa irratti raawwachaa oolu bilxiginnaan goolessitoota waraana isaa hawaasatti bobbaasuun gochoota hammeenyaa fi dhaga’uuf gurra namaatti hin tolle Oromoota irratti dalagaa jira.
Murni badee balleessaan PP kun guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo balaaleffachuun saamtota waraana isaan gidirsaa oolu hidhaa, ajjeechaa fi saamichaa dabalatee saalfii tokko malee dubartoota maatii qaban abbaa warraa isaanii irraa ari’uun qabanii gudeeddii irratti raawwachaa jiraachuu maddeen ONM’f eeran.
Haaluma kanaan Waraanni naamusa waraanummaa hin qabne ergamtoonni PP Hagayya 1, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Maqdaalaa jedhamu keessatti dubartoota abbaa warraa isaanii irraa ari’uun gudeeddii irratti raawwachaa kan jiran oggaa ta’u, kanarraa kan ka’e dubartoonni Oromoo hedduun daa’imman isaanii qabatanii gara magaalaa imaluuf yeroo ka’an akka isaan hin deemne daangessuun dararaa jiraachuu jiraattoonni miidhaan kun irra ga’aa jiru miira gaddaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

