ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Murni PP dantaa fi faayidaa dhuunfaa isaa qofa durfachuun garaa furdifatee ilmaan Oromoo immoo afaan qawwee itti qabee hacuucuun waan fedhii isaa dirqamsiisee dararaa hamaa ta’e irratti raawwachuun, dinagdee uummata Oromoo roga isaaf danda’ame maraan dadhabsiisuuf halkanii fi guyyaa ifaajaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Ballootti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa adda addaan saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Araddaa Firii Qabsoo jedhamu keessatti murnoonni bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa uummatatti dhahuun humnaan dirqamsiisanii uummata irraa guuraa akkuma turan yeroo ammaa kana immoo, maqaa “waajjira paartii ijaarra” jedhuun uummata ofii isaatiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkachaa jirurraa afaan qawwee itti qabuun qarshii 500 guuraa jiraachuu jiraattonni araddichaa addeessan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, afaan qawwee itti aggaamuun dirqamaan qarshii 500 uummata irraa guuraa kan jiran ta’uu fi uummanni rakkoo hammaataa keessa jiraachuun miidhaan karaa murnoota bilxiginnaa hawaasa aanichaa irra ga’aa jiru cimee itti fufuu isaa maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




