• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti murnoonni bilxiginnaa bidiruu hawaasaa ciranii mancaasuun dhagaa’ame

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Yeroo gannaa kanatti lageen roobaan garmalee waan guutaniif uummanni Oromoo bidiruu gargaaramuun gamaa gamanatti walitti ce’ee kan wal argu ta’uun isaa ni beekama.

Haaluma kanaan, kanneen wal argaa ilmaan Oromoo hinaafan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti murnoonni bilxiginnaa yaabala hawaasni ittiin bishaan irra ce’u ciranii mancaasuun eeramee jira.

Aanaa Horroo Bulluq keessaa Adoolessa 25, 2024 bidiruu aanaalee Jaardagaa Jaartee fi Horroo Bulluq wal qunnamsiisu akka uummanni walitti hin ceene gochuuf murnoonni bilxiginnaa bidiruu sana ciruun hariiroo hawaasa Oromoo addaan kutuu isaanii jiraattonni aanaalee kanneenii ibsanii jiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, ” Waraana Bilisummaa Oromootu nutti dhufa” jechuun murnoonni bilxiginnaa sodaa waan qabaniif bidiruu 2 kan ta’u uummata jalaa caccabsuun uummanni walitti ce’ee jiruu fi jireenya isaa akka hin geggeeffanne gochuu dubbatu.

Akkasumas gammachuu fi gadda waliin qooddachuu akka hin dandeenyee fi  walitti ce’ee wal irraa bitee walitti akka hin gurgurre illee godhanii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply